Yesus Kiristoos (Jesus Christ)
M.J Fisher, M.Div.
(Qopheessadhaan Kan Qindaa’e)
Seensa fi Macaafa Qululluu Waliin Wal-madaalchisuu
Kan akka gaafii “Yesus Kiristoos raajii qofa moo Waaqa foonin ml’ate?” jedhuu Macaafa Qulqulluu Qur’aana irraa aadda foo’e hin jiru. Kutaalen Qur’aanaa 88 barreeffama kana keessatti gabaabbinaan ibsaman qabxiilee gurguddoo Islaamummaa ifaan ni mul’isu. Jireenya bara baraa fi fayyina argachuudhaf eenyummaa Kiristoos beekun baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa Kiristiyaanonni ni amanu.
Eenyummaan Yesus Kiristoos inni Macaaafa Qulqulluu Wangeelota keessatti ifaan taa’ee jira. Wal bira qabiinsi inni gadi fageenyan kenname kun Macaafa Qulqulluu keessatti kan dhihaate fi Qur’aana keessatti kan barreeffame irratti hundaa’a. Dubbii ergamoonni dabarsaa turan, jechuunis, Yesus Masiih ta’uu isaa; ilma qulqulluu durbee irraa dhalate ta’uu isaa; dinqiiwwan gurguddoo hojjechuu isaa; akkasumas ergamoonni kabajamoon isa hordofuu isaanii fi wangeela kan fide ta’uu isaa Qur’aanni mirkaneessun isaa baay’ee ajaa’ibsiisadha. Kana bira darbee Yesus sagalee fi hafuura Allaah ta’uu isaa qur’aanni ni labsa. Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu baatus Yesus suphee irraa gugee (andarrii) lubbuu qabdu uumuu isaa Qur’aanni ni dubbata.
Karaa birootin Immoo dinqiiwwan eeraman kunneeni fi maqaalen kabajamoon kunneen Yesus Waaqa foonin mul’ate ta’uu isaa kan agarsiisan ta’uu isaanii Qur’aanni ni gana. Yesuus garbicha Allaah qofa ta’uu isaa fi akkuma Muhaammad tajaajiluu isaa akka ta’e ni dubbata. Kana bira ce’uudhanis barsiisa Sadantokkoo (Trinity), Yesus Kiristoos fannifamuu isaa, Ilma Waaqaa ta’uu isaa ni gana. Musliimonni Maqaa “Ilma Waaqaa” jedhu kana Allaah ilma argachuudhaf qunnamtii saalaa raawwachuu isaat agarsiisa jechuudhan ni ceephu. Kiristiyaanonni hubannoo dogoggoraa kana yemmuu dhagahan ni gaddu.
Musliimonni fannifamuu Kiristoos ganuu isaanii ibsa gabaabduu kana keessatti caqasuun baay’ee barbaachisaadha. Qur’aanni waa’ee hojii fannoo fi du’aa ka’iinsa Yesus Kiristoosin fayyina argamuu wanta tokkollee hin dubbatu. Kan dubbatus Yihuudonni Masihicha akka hin ajjeefne fi Allaahn garuu isa akka ajjeesan akka itti fakkeesse fi ofitti akka ol fudhateedha. Kana jechuun maal jechuudha? Seenaan Musliimotaa dhalootaa dhalootatti darbe akka dubbatutti Yihuudan haala dinqii ta’een bifti isaa gara Yesus fakkaachutti jijiiramee kanarraa kan ka’es Yihuudonnis inni Yesus itti fakkaatee akka ajjeesaniidha. Yeroo kanattis Yesus dhoksaadhan gara Allaah fudhatamee ture. Haala kanaanis gosa isaa Yihuudota isa ajjeesudhaaf turan jalaa miliqee jira. (Haala kanaan Yesus akka fannifamuu jalaa miliqu kan qindeesse Allaah akka waan ta’eetti yaadameeti).
Kutaalee armaan gadii qur’aana keessaa baasnee erga qo’annee booda gaaffin inni guddaa fi bu’uura ta’e nu hafa. Qur’aanni sirrii erga ta’ee duuka bu’oonni Yesus Kiristoos gara addunyaa guututti adeemanii ragaa du’uu fi du’aa ka’uu isaa akka ta’an; akkasumas waarri kana amanatanis akka fayyina argatan maalif labsan? Warri kanatti amanan maqaa Waaqa tokkootin, jechuunis, maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutin akka cuuphaman maalif ajajan? Deebin kanaa Musliimonni wangeelli inni duraa seenaa keessatti yemmuu daddarbu jijjiirramuu isaa amanuu isaaniti. Kanaafuu Musliimonni kan amanan kaayyon Kiristoos waldaa ishee dhugaa dhaabudhaaf qabu akka hin milkoofnedha. Eega kun ta’ee waldaan Kiristiyaanaa bara Muhaammad Arabiyaa keessa turte wangeela Yesus kan fudhatte akkamitti ture laata?
Waldaan bara Muhaammad turte sababa ergaan Qur’aanaa Yesus Kiristoos kan salphisu ta’eef isa hin fudhanne. Bara ergamootaa irraa eegalee Macaafni Qulqulluun ifaan kan barsiisu Yesus Kiristoos dhugumaan nama, garuu sagalee Waaqayyoo, Waaqayyo nu waliin (Amaanu’eel), fakkeenya Waaqa hin mul’annee, Abbaa waliin Waaqa tokko ta’e, guutummaan Waaqaa qaama isaa keessatti kan jiraatu akka ta’eedha. Sababa duuka bu’oonni isaa hunduu Yesus nama ta’uu isaa beekaniif kuni baay’ee barbaachisaadha. Akkasumas gatii cubbuu ilmaan namootaa aarsaa ta’uudhan kafaluudhaf akka dhufe ni amanu turan. Haala kanaanis gatii cubbuu ilmaan namootaa ni baase; haata’u malee inni dhugumaan Waaqa ture, akkasumas fayyina kennuudhaaf ga’umsa kan qabu baay’ee qulqulluu ture. Kunis immoo oduu isaan ofuma isaanii irraa uuman hin turre. Raajiwwan karaa raajota kakuu moofatin isaanif ifa ta’ee ture (Faarfannaa 22, Isayas 53). Ergamoota Waaqatiin (Matewoos 1:20-25), Yohannis cuuphxichaan (Yohannis 1:19), Gooftaa Yesus mataa isaatin (Luqas 24:44-53) akkasumas ergamoota isaatin (Qolasiyas 1:15-20) mirkanaa’ee jira.
Gooftan Yesus bara dhumaa irratti ergamoota waaqatiin marfamee akka dhufu dubbatee jira. Akkasumas barcuma ulfinaa irra taa’e saboota irratti ni farada(Matewoos 25:31-32). Yihuudonni dallansuudhan guuttamanii wanta inni jedhu dhaggeeffachaa turan; Waaqa tokko qofatti amanna jedhanii dubbachaa turan sunneen filannoon isaan qaban wanta inni jedhu amananii fudhachuu yookin nama Waaqayyoon arrabse akka ta’etti isa lakkaa’anii ajjeesuu ture.
Kiristiyaanonni baroota keessatti jiraachaa turan karaa Hafuura Qulqulluutin amananii Yesus wanti waa’ee ofii isaa dubbate sun dhugaa ta’uu isaa fudhatanii ergaa wangeela isaa (sagalee misiraachoo isaa) babal’isuudhaf lubbuu isaanii balaadhaf saaxilanii aarsaa kafaluudhan labsaa turan. Waldaa Yesus gara fuul duraatti guddachaa, baay’otas qaqqabaa akka itti fuftu kan taasise raga ba’umsa isaanit ture. Kanaafuu balbaloonni jahaannamaa (humnoonni seexanaa) sochii kana gonkumaa dhaabsisuu hin danda’an.
Gooftaa Yesus Ilaalchisee Qur’aanni Wantoota Armaan Gadii ni Dubbata
Qulqulluu, Mul’ataa fi Araara
Hafuurri Allaah akka nama ga’eessaa ta’ee yeroo durbee Maaryamiitti mul’atetti wanti isheetti hime yoo jiraate ilma qulqulluu ta’e akka qabaattu fi innis immoo ilmaan namootatiif mul’ataa fi Allaah biraa immoo araara kenname akka ta’eedha 19:17-21. “Ani ilma qulqulluu siif kennuuf ergamaa gooftaa keetiti jedheen. (Gaa’elaan) namni kan na hin tuqne ta’ee sagaagaltuu osoon hin ta’in ilma qabaachuu akkamittin danda’a jette. Innis akkas jedheen:- (dubbichi) akkana, gooftan kee anarratti gaaridha. Namootaf ajaa’iba nu biraallee arjooma gochuuf (kana hojjenne). Kuni wanta murtaa’edha jedhe (hafuura isaas itti afuufe).”
Wanti Sadantokko (Trinity) jedhamu hin jiru
“warri kitaabichaa waa’ee Allaah yemmuu dubbatan homaa raajessuu hin qaban. Ilmi Maryam Al Masiih Issan ergamaa Allaah, sagalee isaa fi hafuura isa irraa ta’e qofadha. Kanaafuu Allaah fi ergamaa isaatti amanaa (waaqoliin) sadi’i jechuu keessan dhiisaa. Allaahn tokko qofadha. Inni ilma qabaachuu hin danda’u, jabaa fi adda kan ta’eedha. Al Masiihnis garbicha Allaah ta’uu isaatti hin qaana’u”
Hargansaa fi Hafuura Allaah
“Intalli Imraan Maryam fakkeenya dubartii qulqullummaa ishee eegdeti. Allaahnis hafuura isaa itti afuufe. Isheenis dhugaa ni dubbatte (dahumsa durbee ajaa’ibsiisaa ta’uu isaa)” 4:171-172
Dugda Irratti Baatamee Osuma Jiruu ni Dubbate
“Gaafa guyyaa Murtii Allaahn Issaa isa warra kaan waliin ergamaa ta’e gaafii ni gaafata. Allahnis gaafii isa kan gaafatuuf hafuura qulqulluudhan jabinni hammamii akka isaaf kennamee fi dugda irratti baattamee yeroo ture sanatti (dahumsa haadha isaa ilaalchisee) akkamitti akka lallabe akka yaadatu ilaalufi” (5:11)
Lallaba Daa’imichaa
Daa’ima ta’ee Yesus haala dinqisiisaa ta’een kan lallabe garbicha Allaah wangeela isaaf kenne akka ta’eedha. Yesus Allaahn qulqulluu akka isa taasisee fi akka kadhatuuf akkasumas akka kenna gargaarsaa kennuu fi warra isaatif akka ajajamu akka isa ajaje dubbatee jira (19:29-33).
Ilma Waaqatii Miti
Yesus ilma Maryamiiti. Dubbiin Kiristiyaanonni amanuu hin barbaanne kanadha. Allaahn ilma qaba jedhanii amanuun Allaah gadhi xinneessudha. Allaahn cal’iseetuma wantoonni akka ta’an ni ajaja (kunis akkuma Yesus durbee irraa dhalate sanatti jechuudha) (19:34-35). “Allaah ilma qaba jedhanii warri dubbatan kan labsan badiidha. Dubbii isaanii kana irraa kan ka’e samiin ni tarsa’a, lafti adda babaatii, gaaronnis ni jijjigu. Kuni ulfina isaatif wanta barbaachisuu miti (19:88-92)”. “Allaahn ilma ni qaba jedhanii warri dubbatan isaan sobdoota, kanaafis ni adabamu” (10:68-69). Muhaammad wanti inni dubbate Allaahn ilma osoo qabaatee isa waaqeffachuudhaf inni nama duraa akka ta’u ture. Kiristiyaanonni gaafa murtii kan deebii itti kennan dubbii sobaati (43:81-83). Allaahn ijoollee homaa hin qabu yookin mootummaa isaa keessatti niitii hin qabu (25:2).
Garbicha Qofadha
Ilmi Maryam akka fakkeenyatti yeroo ka’etti warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan isaani fi Issaa keessaa inni caalu eenyu akka ta’e gaafachuudhan qoosanii turan. Issan kan Allaahn ayyaana isaaf kenneefi ijoollee Isra’eliif garbicha fakkeenya (raajii) isa taasise malee kan biroo miti. Issan raajii ifa ta’e hojjechuudhan kan dhufe yoo ta’u wanta Allahf ta’u akka hojjetanii fi akka isaaf ajajaman uummatatti himee jira. Innis uummata kan ajaje gooftaa isaa fi isaanii kan ta’e Allaah akka waaqeffataniidha (43:57-64).
Hafuura Qulqulluudhan Jabeeffamee Jira
Ilmi Maryam Issan akka dinqii hojjetuuf humni kennameefii ture, akkasumas hafuura qulqulluudhan jabeeffamee ture. Haata’u malee ergamoonni yeroo barumsa hin eeggamne fidanii dhufan Yihuudonni kaan ni ganan gamisa kaan immoo ni ajjeesan (2:87,253).
Fayyisaan Tokko illee Hinjiru
Yesuus dabalatee namni hunduu gaafa murtii Allaah fuul duratti ni dhihaata, kunis nama gidduu galee kadhatuuf yookin fayyisaa osoo hin qabaatin akka gabraa ta’uudhani (19:93-95).
Tooraadhaaf (Seera Museetif) Dhugaa Bahee Jira akkasumas Waa’ee dhufaatii Muhaammad Raajii Dubbatee Jira
Yesus Ilmi Maryam ijoollee Israa’elitti kitaaba Yihudotaa isa dura gadi bu’e mirkaneessu fi isa booda kan dhufu waa’ee duuka bu’aa Ahmad jedhamuu labsuuf akka dhufeedha. 61:6
Duuka Bu’oota Isaa
Yihuudonni tokko tokko akka gargaartota Allaah ta’uudhan Yesuus duuka ni bu’an, kanaafuu isaan diinota isaanii irratti akka injifannoo argatan ni eebbifaman (6:14). Ergamtoonni Yesus Allaah fi Yesusif ni ajajaman. Isaanis amantoota fi raga baatota turan. Allaahnis Yesus diinota isaa jalaa miliqsuuf erga isa ofitti fudhatee booda duuka bu’oonni isaa eebba argatanii turan. Duuka bu’oonni Yesus warra hin amanne caala ol qabamanii eebbifamanii jiru. Kunis hamma gaafa guyyaa du’aa ka’insattii hamma garaagarummaan amantaa hafutti ni ta’a (3:55).
Dinqii Hojjetee Jira
Yesus dinqiiwwan ifa ta’aniin dhuufee ture haata’u malee namoonni akka raagdutti isa lakkaa’udhaan isa hin fudhanne. “milikkita ifa ta’een yeroo isaanitti dhufetti kuni tolcha ifa ta’eedha jedhan” (61:6). Fedha Allaahtiin Yesus simbira biyyoo irraa tolfameef jireenya kennee jira. Jaamaa banee jira, lamxii qulqulleessee jira akkasumas du’aa kaasee jira (3:49).
Fannifamuu Kiristoos
Yihuudonni waadaa isaa ni diigan, mul’ata Allaah ganuudhanis raajota ni ajjeesan. Maryam irrattii illee arrabsoo jibbisiisaa ni dubbatu. Akkasumas Masihicha ergamaa Allaah ilma Maryam ni ajjeesne jedhu. Isaan isa hin ajjeesne yookin immoo isa hin fannisne. Waan fannifame itti fakkaatee ture. Isa hin ajjeesne, garuu Allaahn gara ofii isa fudhatee ture (4:155-158). Allaahn yesus osoo hin du’in diinota isaa jalaa isa baasudhaaf gara ofii isaatti erga ol fudhatee booda duuka bu’oonni isaa eebbifamanii turan. Duuka bu’oonni Yesusis hamma gaafa du’aa ka’uutitti warra hin amanne caala ulfina ni argatu (3:55).
Suphee Irraa Simbira Lubbuu Qabdu Hojjetee Ture
Gaafa murtii Allaah duuka bu’oota biroo keessa isa tokko kan ta’e Yesus gaafii ni gaafata. Innis kan isa gaafatuuf beekkumsi Macaafa qulqulluu akkamitti akka isaaf kennamee fi ogummaa fi humni inni ittiin dinqii hojjechuu danda’u akkamitti akka kennameef yaadachuu isaa ilaalufi. Inni fedha Allaahtiin simbira dhoqqee irraa hojjetee hafuura isaa itti baafannaan lubbuu horattee jirti (5:110).
Nyaata Samii Irraa Dhufe
Gaafa murtii Allaahn Yesus ergamoota keessaa isa tokko ta’e gaafii ni gaafata. jaamaa ta’ee kan dhalate fedha Allahtiin akkamitti ija isaa akka bane, nama lamxii qabu akkamitti akka fayyisee fi nama du’e akkamitti du’aa akka kaase isa ni gaafata. Yesus samii irraa teessoo nyaatan guuttame duuka bu’oota isaatif akkamitti akka gadi buuses ni dubbata (5:110-115).
Sadantokko Ganuu
Gaafa murtii ergamoota keessa tokko kan ta’e Yesus Allaahn ni gaafata. Yesus isaa fi haadha isaa Allaah biratti waaqolii lama godhatanii akka waaqeffatan ilmaan namootaa barsiisee yoo jirate isa ni gaafata. Yesusis kana jabeessee ni gana (5:116-18).
Yesus Akkuma Addaam Kan Ta’eedha
Addaami fi Yesus ajaja Allaahtiin kan uummaman uumama adda ta’aniidha (3:59). Kuni kutaa baay’ee ajaa’ibsiisaa ta’eedha, sababni isaatis qur’aanni waaqeffatamuu Yesus ni gana garuu seexanni gara jahaannamaa sababni darbameef Allaahn Addaamif sagadi yemmuu jedheenitti sagaduu wanta dideefi. Addaam immoo biyyee irraa kan bocamee fi jireenyi kan kennameef ture. Seexanni Allaah gaafii akkanaa isa gaafachuu isaa amanuu hin dandeenye ture, sababni isaatis gaafichi amansiisaa waan hin turreefidha. Seenan seexanaa kun kutaalee armaan gadii keessatti argama (7:11-23, 15:28-39, 18:50).
Yaadachiisa Qooheessaa
Kutaawwan Quraanaa 88 armaan olitti ilaalle keessatti hubannoon Musliimonni waa’ee Gooftaa Yesus qaban Macaafa Qulqulluu waliin kan wal faallessuudha. Namni waa’ee Gooftaa Yesus beekuu barbaadu kamiyyuu qorannoo isaa eegaluu kan qabu madda seenaa isaa kan ta’e Macaafa Qulqulluu irraati. Gooftan Yesus eenyu inni? Hubannoon Kiristiyaanonni waa’ee isaatif qaban eessa irraa madde? Gooftaa Yesus akka Kiristiyaanonni amananitti isa hordofuu fi isatti amanuuf maaltu barbaachisa? Wantoota kanneen fafakkaatan hubachuuf Macaafa Qulqulluu dubbisuu eegalaa. Waaqayyo kitaaba isaa keessatti ofii isaa fi kaayyoo inni jireenaya keessaniif qabu ifa isiniif ni taasisa. Waaqayyo isin haa gargaaru.
Maddi hiika kanaa Jesus Christ, Chapter 21 of "A Topical Study of the Qur'an from a Christian Perspective" by M.J Fisher, M.Div
Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa