Muhaammad Ergamaa Waaqaa Isa Dhugatii? (Is Muhammad a true Prophet of God? Part two)
Sam Shamoun
[Kutaa Tokkoffaa] Kutaa Lammaffaa
(Qopheessadhaan kan Hiikame)
Qabxii Guddaa Sadaffaa
Muhaammad dogoggorawwan baay’ee gurguddoo ta’an hojjetee jira
1. Imala Halkanii:-
“Inni garbicha isaa masgiida kabajamaadhaa gara masgiida fagoo isa naannoo isaa eebbisnetti kan isa geesse (gooftichi) qulqullummaan isaaf haa ta’u. dinqii keenya keessa isa agarsiisuf (isa deemsifne). Ilaa inni (Allaah) kan dhagahu kan argusi” 17:1
Akkaataa aadaa Musliimatti Muhaammad gara Masgiida Yerusalem dhaqee jira. Gabaasni armangadii kun kan fudhatame barreeffama Alfred Guillaume, The Life of Muhammad (Oxford University Press Karachi, 1995 tenth impression), Hiika Ibn Ishaq Sirat Rasulullah irraati.
Ziyad bin Abdullaah Al-Baka’i Muhaammad bin Ishaaq irraa kan itti anee jiru kana natti hime. Sana booda ergamaan Allaah masgiida Makkaa jiru irraa gara Masjiid Al aqsaa, jechuunis gara masgiida Aliyaa ni fudhatame. Kunis kan ta’e erga Islaamummaan gara saboota Qurayish hunda babal’atee booda ture. Yeroo sanas michuu isaa kan ture Gabri’eel isa waliin deemee ture. Kunis hamma dinqii waaqaf lafa gidduu jiru argutti hamma mana qulqullummaa Yerusalem gahutti ture.
Seenaa kana keessatti Al Hasan kan itti anee jiru kana dubbatee jira. <eragamichii fi gabri’eelin hamma mana qulqullummaa Yerusalem jiru gahanitti imalanii jiru. (Guillaume, pp. 181, 182; bold emphasis ours).> akkanumas Sahih Muslim, Book 1, Number 309: irratti kan itti aanee jiru kana ni arganna:- Anaas bin Maalikiin kan gabaafame, ergamaan Allaah (nageenyi isa irratti haa ta’uutii) kan dubbate; ani gara Al Buraaq nan geeffame, innis horii adii fi dheeraa harree caalu garuu gaalaa irra xiqqaatu yemmuu ta’u kottee isaa lafa dheerina hamma meetira tokkoo gahu irra kaawwata. Isa irra bahuudhan gara mana qulqullummaa Yerusalem nan dhufe; sana boodas qubeela raajonni itti fayyadaman irratti isa nan hidhe. Gara mana qulqullummaa sanaas seenee rak’aa lama kadhadhee nan bahe. Sana boodas Gabri’eel xoofoo (meeshaa bareedaa waa ittiin dhugan) waynii fi xoofoo aannanii naaf fide. Anis aannanicha nan filadhe, gabri’eelinis akkas naan jedhe:- wanta uummamaa isa ta’e filattee jirta. Sana boodas gara samii na fudhate.
Rakkinni inni duraa yaada armaan olii keessatti argamu manni qulqullummaan Yerusalem bara 585 dhaloota Kiristoos dura raayyaa Baabiloonin kan barbadda’e ta’uu isaati. Dabalataanis jeeneraalli Roomaa Tiitoo jedhamuu fi loltoonni isaa mana qulqullummaa isa lammataa bara 70 dhaloota Kiristoos booda guutumaa guututti barbadeessanii jiru. Manni qulqullummaa kun kan barbadaa’e seenan imala gara Yerusalem kun bara raawwatamee jira itti jedhame sana waggoota heddu dura ture. Masgiinni Al Aqsaa caqafame kun hamma bara 691 dhaloota Kiristoos boodatti, jechuunis hamma Amiir Abdul Maalik ijaaretti gonkumaa kan hin jirre ta’uu isaati.
(Egaa kuni imalli halkanii Muhaammad dogondora ta’uu isa seenaa mul’isuudha)
2. Lakkoofsota Lafaa
Qur’aanni akka dubbatutti Allaahn kan uume samii torbaa fi lafa torbadha.
“Allaahn isa samiiwwan torba uumedha, lafallee kanuma isaan fakkaatan uumee jira. Jidduu isaanittis ajajni isaa ni bu’a. Allaahn wanta hunda irrattuu danda’aa ta’uu isaa Allaahnis wanta hundaa beekkumsa isaatin kan marse ta’uu isaa akka beektan (kana isin beeksise)” 65:12. Gabaasni sirrii ta’e jedhamu akka mul’isutti Muhaammad lafoonni torba akka jiran kan amanu akka tureedha.
<Muhaammad Bin Ibraahim Al Hariit akka gabaasetti:- Abu Salaamaa bin Abdurrahmaan, namichi waa’ee kutaa lafaa ilaalchisee namoota biroo waliin mormii qabu gara Ayishaa deemudhaan wa’ee dubbichaa itti hime. Isheenis ‘yaa Abu Salaamaa waa’ee lafichaa itti dhiisi sababni isaas ergamaan Allaah :- ‘seeran ala lafa taakkuu tokko iyyuu namni fudhate kamuu yoo jiraate lafoonni torban morma isaa irratti marfamu’ (jechuudhan dubbattee jirti)> (Sahih al-Bukhari, Volume 4, Book 54, Number 417
www.usc.edu/dept/MSA/fundamentals/hadithsunnah/bukhari/054.sbt.html; see also Numbers 418, 420; Volume 3, Book 43, Numbers 632
Abu Huraayradhaan immoo kan dubbatame:- <raajichi Allaah (nageenyi isa irratti haa ta’u) fi hiriyoonni isaa akkuma taa’ani jiranitti duumessi isa irratti dhufe. Sana boodas ergamaan Allaah (nageenyi isarratti haa ta’u) akkas jechuudhan gaafate:- ‘kunneen maal akka ta’an beektuu?’ isaanis yemmuu deebisan ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan. Innis akkas jedhe ‘kunneen duumessoota isaati. Kunneen baattota bishaan lafaati. Isaanis warra Allaah hin galateeffannee fi maqaa isaa warra hin waamne irratti kan isaan fiduudha’. Innis itti fufee ‘isinii ol maaltu akka jiru beektu?’ jedheen; isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; innis akkas jedhee deebise ‘inni samiidha, koornisa eeggamaadha akkasumas dambalii gara duubatti deebifamee eeggameedha’> ammas inni ni gaafate ‘isaa fi isin gidduu maal akka jiru ni beektuu?’ isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; isiniifi isa giddu waggoota dhibba shantu jiru jedhe. Inni ammas inuma gaafate ‘isaa ol maal akka jiru beektuu?’ isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; innis ‘jidduu isaanitti samiiwwan lama kan fageenya waggaa dhibba shanii qabantu argamu’ jedhe. Innis hamma samiiwwan torba lakkaa’utti akkasumatti dubbbachuu isaa itti fufe. Tokkoon tokkoon lakkuulee keessattis fageenyi jiru akkuma fageenya samii fi lafa gidduu jiruuti. Achirraanis inni ni gaafate:- ‘isaa ol waan jiru beektuu?’ isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; innis ‘isaa ol kan jiru teessumicha. Teessumichaa fi samii isa torbaffaa gidduu fageenyi jiru fageenya samiilee lakkuuwwan gidduu jiruun wal qixa.’ Ammas ni gaafate:- ‘isin jala maaltu akka jiru beektuu?’ isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; innis ‘lafatu jira’ jedhee deebise. Achirraanis ni gaafat:- ‘ isa jala maaltu akka jiru beektuu?’ isaanis ‘Allaah fi ergamaan isaa caalatti ni beeku’ jedhan; innis akkas jedhee deebise ‘isa jala lafatu jira. Fageenyi isaan gidduu jiru kan waggoota dhibba shaniiti’ lafoota torbaa fi fageenya lameen isaanii giddu jiru haama lakka’utti akkasuma jechaa itti fufe. Itti fufees akkas jedhe:- ‘lubbuun Muhaammad kan ittiin qabamtee jirtu isaan nan kakadha, funyoo osoo asii gadi darbitanii beekkumsa Allaah jalaa hin ba’u’ Sana boodas sagalee itti fufee jiru kana ni yaadate (ni qara’e):- “inni kan duraa fi kan dhumaati. Isa alaa fi isa keessati. Inni hunduma beekadha.” (Tirmiiziin akka ibsetti sagaleen kutaa ergamaan Allaah dubbate kun kan agarsiisu beekkumsi, humnii fi angoon Allaah garuma kamuu akka qaqqabuudha; innis kitaaba isaa irratti akkuma ibsetti jechuudha.) Ahmad and Tirmidhi transmitted it. (Al-Tirmidhi, Number 1513- taken from the ALIM CD-ROM Version).
Ibsitoonni Musliimotaa kan birootis akkuma mirkaneessanitti Muhaammad dogoggoraan kanuma akka amanaa tureedha. Dabalataanis kan dubbatan lafti diriirtuu akka turte akka inni amanaa tureedha. Ibsitoota kanneen keessaa tokko tokko kan itti fufanii argamaniidha.
Al-tabarii
Muhaammad bin Saaliha bin Askaar-Ismaa’il bin Al-kariim Wahiib nama jedhamuun ajaa’ibsiisummaan isaa gabaafamee jira. <Samii fi ardiin akkasumas galaanonni ‘hiikaal’ keessa jiru. Hiikal immoo eddoo ejjennoo miila isaa jala jira. Innis ejjennoo miila isaa baatee jira. Innis miila isaa irratti akkuma kophee sandalii ta’ee jira. Waahibis ‘hiikal maali?’ jedhee yeroo gaafatetti, akkas jedhee deebise:- ‘wanta samii irra jiruudha. Innis wanta samii fi ardii naanna’uu fi funyoo godoon ittiin hidhamu kan fakkaatudha’ jedhee deebise. Waahiibis lafti maal irraa akka hojjetamte yeroo gaafatetti inni kan deebise ‘isaan lafoota torba. Diriiroo fi odolawwani (bishaanin kan marfamaniidha)’ jechuudhan ture. Tokkoon tokkoon lafoota kana jidduu galaanni ni jira. Hundumtuu galaana isaan marsee jiruun marfamanii jiru kanaafuu isaan kan aragaman hiikalichi galaana dudduuba jira’ jechuudhan ni deebise.> (History of Al-Tabari-General Introduction and From the Creation to the Flood, translated by Franz Rosenthal [State University of New York Press (SUNY), Albany 1989], Volume 1, pp. 207-208;).
Ibin Katiir
“Lafaa fi kan isa fakkaatan” jechuun inni lafoota torba uumee jira jechuudha. Saahihootaa lameen keessa hadisni kan armaan gaditti argamu ibsu ni jira.
(lafa nama tokkoo seeran ala kan fudhatu eenyumtuu yoo jiraate lafa taakkuu tokkollee yoo taate inni morma isaa irratti maramee hamma lafa torbaffaatti gadi ni bu’a)
Saahih al Bukaarii keessatti immoo akkas jedha:- (inni gara lafootaa keessatti gadi ni dhidhima)
Kitaaba jalqaba al-bidaayaah Wan bidaayaah irratti, seenawwan garagaraa hadisa kanaa caqaseen jira. Kunis yeroon haala uumama lafaa senessetti. Galannis ulfinnis Allaahdhaafi.
Namoonni hadisni kun ardiilee torban agarsiisa jedhan isaan hiika nama amansiisuu hin dandeenye fi dubbii Qur’aanaa fi hadisaa wanta faallessu akkasumas wanta ragaa hin qabne fidanii jiru. (Tafsir Ibn Kathir (Abridged) Volume 10 (Surat At-Tagabun to the end of the Qur’an), abridged by a group of scholars under the supervision of Shaykh Safiur-Rahman Al-Mubarakpuri [Darussalam Publishers & Distributors, Riyadh, Houston, New York, London, Lahore; first edition, September 2000], pp. 55-56: tafsir.com/default.asp;).
3. Marsaa Aduu
Qur’aanni fi sunnaawwan (fakkenyi) Muhaammad kan barsiisan aduun gara eddoo itti sagadduu fi lammata deebi’uudhaf hayyama eddoo itti argattutti hanga teessuma Allaah akka imaltudha.
“Aduun hamma eddoo boqonnaa isheedhaf ta’utti ni fiigdi, kunis murtii uumaa isa moo’aa fi beekaa ta’eeti” 36:38
Abu Dar kan dubbate akka armaan gadiiti:- raajichi yeroo aduun itti dhiitutti gaafii akkas jedhu na gaafate “yeroo aduun dhiitu eessa akka deemtu ni beektaa?” anis akkas jedheen deebise ‘Allaah fi duuka bu’aan isaa caala ni beeku’. Innis deebisee akkas naan jedhe “aduun teessoo isaa jala geechee hamma sagadduu fi lammata akka baatuf hamma hayyama argattutti ni deemti, haata’u malee yeroon itti isheen gadi jettee sagadduu fi lammata akka baatuf hayyama gaafattee dhoowwatamtu ni dhufa. Kanaaf wanta gootu kana irra deebi’uudhan akka gootu hayyama gaafattee yeroon itti dhoowwatamtu ni dhufa. Yeroo sanattis gara dhuftetti akka deebitu ni ajajamti, kanaafis karaa dhihaatin ni baati.” Kun hiikkaa dubbii Allaah “Aduun hamma eddoo boqonnaa isheedhaf ta’utti ni fiigdi, kunis murtii uumaa isa moo’aa fi beekaa ta’eeti” 36:38 (Sahih al-Bukhari, Volume 4, Book 54, Number421: www.usc.edu/dept/MSA/fundamentals/hadithsunnah/bukhari/054.sbt.html).
4. Qur’aanni dabalataan wanti inni dubbatu kayyon jiraachuu urjiilee seexanoota irratti darbatamuuf akka ta’eedha
“Samii ishee dhihoo ibsaawwaniin (urjiiledhaan) ni bareechine seexanootafis adabbiidhaf ishee goone. Isaanifis (seexanootaf) adabbii ibiddaa ni qopheessine” 67:5
“Nuti samii ishee dhihoo urjiiledhaan ni bareechine. Seexana fincilaa ta’e irraas eguu ni eegne. Gara raayyaa isa olii hin dhaggeeffatan. Gosa hundarraawuu xomborri (ibsaan ibiddaa) irratti ni darbatma” 37:6-8 “Samii irratti burjoota goonee jirra. Warra ilaalufis (urjiiledhaan) bareechinee jirra. Seexana ari’ame irraallee eegnee jirra. Garuu (oduu) dhagahuu isa hatu oggasuma xomborri ifu isa duuka ni hordofa (isa ni guba)” 15:16-18
“Yaa raayyota namaa fi jinnii, naannoo samii fi lafaa keessaa ba’uu yoo dandeessan ba’aa, garuu angoodhan malee ba’u hin dandeessan (garuu angoo hin qabdan). Ayyaana gooftaa keessanii keessaa isa kam gantu? Lamaan keessan irrattuu arraba ibiddaa irraa aarris isinitti ni ergama (lamaan keessanuu) gargaarsa hin argattan.” 55:33-35
Abu Qataadaa Musliimni jedhamu waa’ee kanaa akka armaan gadiitti dubbatee jira:- “uumamuun urjiilee kanneenii kaayyoo sadi’iifi, jechuunis samii isa dhihoo bareechudhaaf, misaa’eloota seexana rukutan ta’uudhaf akkasumas mallattoolee imaltoota gaggeessan ta’uudhaf. Kanaafuu namni kamiyyuu hiika kanaan alaa fiduudhaf yoo yaale dogoggoree jira, akkasumas humna isaa akkasumaan dhangalaasa; ofii isaas hamma beekuu qabuu olitti of rakkisa.” (Dr. Muhammad Taq-i-ud-Din Al-Hillai, Ph.D. [Berlin] & Dr. Muhammad Muhsin Khan, Interpretation of the Meaning of the Noble Quran, pp. 214, 394-395;).
Muhaammad seexanni akka waan qaama qabatamaa qabuu godhee nama amanu ta’uun isaa baay’ee ifadha. Dabalataanis seexanni nama irratti fincaan isaa akka finca’u ni amana.
Abdullaadhan kan gabaafame akka armaan gadiiti:- raajicha fuulduratti waa’en nama tokkoo gadi ka’ee ture. Namni waa’ee isaa dubbatamaa ture hamma ganamaatti rafee ture; kadhannaa ganamaatif hin kaane ture. Raajichis ‘seexanni gurra isaa keessatti fincaa’ee jira’ jedhe. Sahih al-Bukhari, Volume 2, Book 21, Number 245- see also Volume 4, Book 54, Number 492:www.usc.edu/dept/MSA/fundamentals/hadithsunnah/bukhari/054.sbt.html).
Abdullaah (bin Maas’uud) kan gabaase immoo akka armaan gadiiti:- waa’ee nama halkan guutuu hamma bariitti rafee raajichatti himamee ture. Innis (raajichi qlqulluun) ilaalchi inni kenne: ‘namni sun kan seexanni gurra isaa keessatti fincaan isaa fincaa’e’ kan jedhu. Sahih Muslim, Book 4, Number 1700: www.usc.edu/dept/MSA/fundamentals/hadithsunnah/muslim/004.smt.html.
5. Kamtu dura dhufe? Smii moo lafa?
Qu’aanni samiin uummamuu isaatin dura laftii fi wanti ishee keessajiru dursee akka uummame ni dubbata.
“Inni isa waan lafa irra jiru hunda isiniif uumedha; sana boodas gara samii ni yaade, samiiwwan torba isaanis ni godhe. Inni waan hunda irratti beekadha.” 2:29
“Isaanin jedhi:- isin waaqa isa lafa guyyoota lama keessatti uume ni gantuu? (Kana kan hojjete) inni gooftaa addunyootati. Ishee irrattis gaarota qooran ni godhe. Ishee keessattis eebba ni godhe. Ishee keessattis nyaata (guyyoota lamaan darban waliin walumatti) guyyoota afur keessatti warra gaafatuuf sirrii yoo ta’u ni murteesse. Sana boodas gara samii isheen aara taatee yemmuu jirtutti ni yaade. Isheedhanis lafaanis jaalattaniis ta’ee jibbitanii koottaa jedheen. Ajajamtoota taahee dhufne jedhaniin. Guyyoota lama keessatti samiiwwan torba isaan godhe. Samiiwwan hunda keessatti haala ni qopheesse. Samii ishee dhihoo ibsaadhan ni bareechine, (seexanoota) irraayis eeguu ni eegne. Kuni murtii (goofticha) isa moo’aa fi beekaa ta’eeti.” 41:9-12
Muhaammadii fi hordoftoota isaan duraatif jechi Arabiffaa “tumma” jedhu gocha itti fufaa jechuu akka ta’e ragaan barmaataa ni dubbata. Kunis samiiwwan kan uummaman lafa booda kan jedhuudha.
“Abu Huraayran kan gabaase ergamaan Allaah harka koo qabee kan itti fufee jiru kana dubbate: kabajamaa fi jabaa kan ta’e Allaah guyyaa sanbataa suphee uume, guyyaa diilbataa immoo gaarota uume, achirraanis gaafa wiixataa (dafinoo) biqiltoota uume, kiibxata (lammaffo) immoo wantoota hojii gaafatan uume, achirraanis roobii ifa uume, gaafa kamsaa immoo bineensonni akka tamsa’anii fi jimaata sa’aatii kudhan booda immoo uumama isa dhumaa, jechuunis jimaata sa’aatii booda fi galgala gidduutti Adam (nageenyi isa irra haa ta’uutii) uume” (Sahih Muslim, Book 039, Number 6707:www.usc.edu/dept/MSA/fundamentals/hadithsunnah/muslim/039.smt.html.
Gabaasni hadisaa kun kan dubbatu ifti gaafa roobii akka uummame taasiseeti. Kunis lafaa fi uumama ishee keessatti argam hunda booda ta’uu isaati. Ifti kan agarsiisus aduudha. Kana taanan yaad rimee saayinsii ammayyaa waliin wal faallessa; sababni isaas saayinsiin waa’ee hawaa yemmuu dubbatutti uumamuu biqiltootaa dura aduun jiraachuu ishee ni kaa’a.
Gabaasni barmaataa armaan gadii kun kan fudhatame The History of al-Tabari, Volume 1 - General Introduction and from the Creation to the Flood (translated by Franz Rosenthal, State University of New York Press (SUNY), Albany 1989), pp. 187-193 irraati. Innis akka armaan gadiit jedha:-
“Nuti kan ibsine yeroowwan halkanii fi guyyaa sana dura jiraniidha haata’u malee yeroowwan sunneen marsaa aduu fi addeessaa irratti hundaa’anii ni jijjiirramu. Kanaafuu kun akkuma jirutti ta’ee ibsi barmaataa sirrii ta’e ni jira. Kunis Hanaadal Al bin Al-Saaridhaani; inni akka dubbatetti hadisoota hunda dubbisee (Abu Bakariin) Abu Bakar bin Ayaash – Abu Sa’aad Al-Bakal – Ikriimaa Ibn Abbaas: Yihuudonni gara raajichaa dhufanii waa’ee uumama samii fi lafaa gaafii isa gaafatan. Waaqni lafa diilbataa fi wiixata uume. Kiibxata immoo gaarrenii fi faayidaawwan of keessaatti qabatan uume. Gaafa roobii immoo mukkeen, bishaan, magaalotaa fi lafa bal’eensa qotamuu danda’u uume. Kunneen guyyoota afuri. Innis Qur’aana caqasuudhan itti fufe ‘isin waaqa isa lafa guyyoota lama keessatti ume ni gantuu? (Kana kan hojjete) inni gooftaa addunyootati. Ishee irrattis gaarota qooran (gogan) ni godhe. Ishee keessattis eebba ni godhe. Ishee keessattis nyaata (guyyoota lamaan darban waliin walumatti) guyyoota afur keessatti warra gaafatuuf sirrii yoo ta’u ni murteesse.’ Isaanifis gaafa kamsaa samii ni uume. Gaafa jimataa immoo urjiilee, aduuu, addeessa fi ergamoota ni uume, kunis hamma sa’aatin sadi’i hafutti. Sa’aatiwwan sadeen jalqaba irratti haala jireenya namootaa ni uume, nuti akka jiraannu fi akka duunu. Sa’aatii lammaffaa irratti immoo wantoota namootaf bu’aa buusan hunda irratti rakkina (miidhama) buuse. Sa’aatii sadaffaa irratti immoo Addaam uumee jannata keessa akka jiraatu taasise. Sana boodas Ibliis (seexana) addaam fuul duratti akka sagadu ajaje. Sana boodas sa’aatii dhumaa irratti Addaam jannata keessaa ni baase. Yihuudonnis, ‘sana booda hoo maaltu ta’e yaa Muhaammad?’ yemmuu jedhanii gaafatanitti ‘sana boodas inni teessoo isaa irra qajeelee taa’e’ jedheen. Yihuudonnis, ‘fixxee jirta taanan sirriidha’ jedhanii itti fufaniis ‘ergasiis ni boqote kan jedhu waliin’ jedhan. Kanaanis raajichi baay’ee aaree mul’anni armaan gadii mul’ateef ‘Nuti samii fi lafa, wantoota isaan keessa jiran hunda guyyoota ja’a keessatti uumne, dadhabbiin garuu nu hin tuqne’ jedhee; ‘kanaafuu wanta dubbattan hundaaf obsa qabaadhaa’ jedhe”
Kanaafuu
“Jecha Al Mutaanaa – Al Hajaaj – Hamaad – Ata bin Al-Saa’ib Akriimatiin: Yihuudonni ergamticha ni gaafatan; ‘gaafa sanbataa hoo?’ jechuudhan. Ergamaan Allaahs: ‘gaafas Waaqayyo lafa uumee ni babal’ise’ jedhe. Waa’ee wiixataatis ni gaafatan, innis deebisee ‘isa iratti Addaamin ni uume’ jedhe. Waa’ee kiibxataa ni gaafatan ‘gaarren, bishaani fi kan kana fakkaatan uume’ jedhe. Waa’ee rooboo gaafatan. Innis deebisee ‘ nyaata’ jedhe. Waa’ee kamsaa gaafatan. Innis deebisee ‘samii uume’ jedhe. Isaanis waa’ee jimaataa ni ggaafatan, innis deebisee ‘Waaqayyo guyyaaf halkan uume’ jedhe. Waa’ee sanbataas gaafatanii ‘Waaqayyo gaafas ni boqote’ jdhaniin. Innis sagalee isaa ol kaasee ‘Waaqayyo haa galatoomu!’ jedhe. Itti fufees ‘Nuti samii fi lafa, wantoota isaan keessa jiran hunda guyyoota ja’a keessatti uumne, dadhabbiin garuu nu hin tuqne’ mul’anni jedhu dhufeef”
Haata’u malee kutaan Qur’aanaa itti fufee jiru hima armaan olii kana faallessuudhan wantoonni lafa irra jiran kan akka bishaanii samiiwwan erga uummamanii booda akka uummaman ni mirkaneessa.
“Uumamaan isintu caala jabootaa? Yookis immoo samiidha? (Allaahn) ishee ni ijaare. Ol ka’iinsa ishee wal qixxeesse. Halkan ishee ni dukkaneesse, guyyaa ishee immoo ni ibse. Lafa immoo kana booda diriirse. Bishaani fi marga ishee keessaa baase. Gaarotas cimsee dhaabe. Isinii fi horii keessaniif faayidaa taasisuudhaf (kana godhe)” 79:27-33
Al Tabariin jecha “ba’ada” jedhuuf kan armaan gadii barreessee jira: namni tokko akkas jechuu ni danda’a: akkuma isin hubattan hiiktonni heddu sagalee waaqayyoo hubatanii jiru. “sana booda lafa ni diriirse” jechuun “si’a tokko” jechuunis “si’a tokko ni diriirse” kunis “ba’ada”, “booda” wal qabsiistuu jedhuuf “ma-a” “erga tokko (si’a tokko)” jechuudha. Amma himni keessan sirrii ta’uu isaatif, jechuunis warra as jirruuf “booda” hiika jedhuuf “dura” jecha jedhuuf faallaa kan ta’een ala ta’uu isaa kan mirkaneessu ragaa maal qabdu? Deebin kanaatis akkaataa dubbii arabiffaa keessatti “booda” jechi jedhu akkuma kana dura dubbanne faallaa jecha “isa duraa” yookin “dursee” jedhuu malee “erga tokko” yookin “si’a tokko” hiika jedhu hin qabu. Egaa amma akkaataa fayyadama hiika jechootaa yoo ilaallu dubbattoota hunda caalaa hiika jechootaa beekan biratti beekkama malee warroota biroo birattii miti. (Ibid., p. 216;)
Amma lubbuudhan kan hin jirre Musliimichi (Qur’aana) hiike Abdullaah Yusuf Aliin Qur’aana 79:30 irra kan jiru jecha “kana booda” (ba’ada) jedhu yemmuu hiiku “kanaan ol” jechuudhan yemmuu ta’u “kaanaan ol” yookin haala dheedhii ta’een “sana booda” jechuudha jedhee fudhatee jira. See n. 4475 to xli. 11. (Ali, footnote 5937)
Yaadachiisa Qopheessaa
Dubbiiwwan Qur’aanaa ifa ta’an shanan armaan olitti ilaalle irraa ka’uudhan dhugaan tokko nuuf galuu qaba. Kunis jechoota kanneen kan dubbate raajii (ergamaa waaqaa) dhugaa jedhamuu fi jireenya keenya keessatti isa guddaa kan ta’e waa’ee jireenya barabaraa keenyaf isa hordofuu ni qabnaa? Kan jedhuudha.
Amantaan namni tokko hordofu jireenya isaa keessatti murteessadha. Namni tokko amantaan inni hordofu sirrii ta’uu fi sirrii ta’uu dhabuu isaa qoruu fi dhugaa barbaadutu isa irra jiraata. Qabxiilen shanan raajichi Muhaammad waaqa biraa dhufan jedhee dubbate hundi guutumaa guututti dogoggora. Kanaafuu maal gochuu qabna? Dogoggora hordofaatii jiraachudhaan murtii amantaa dogoggoraa fudhachuu moo dogoggorri yemmuu ifa nuuf ta’u hubannaadhan gara dhugaa deebi’uu? Filannoo dubbistootaf ni dhhisna. Ilaalchi keenya garuu dubbistoonni jalqabaa hamma dhumaatti dhugaa kan ta’e wangeela Gooftaa keenya Yesus Kiristoos akka dubbisaniidha. Dubbii Macaafa Qulqulluu dubbifadhaa. Jecha isaatinis of qoraa; jireenya bara baraa argachuufis gara dhiifama Waaqayyoo karaa Gooftaa Yesus Kiristoosin koottaa – hin turinaas. Waaqayyo isin haa gargaaru, Amen.
Maddi hiikkaa Is Muhammad a true Prophet of God?
Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa